Dhimma fardii

Enyulleen wantaa hubachuu qabu ijoo

HOJII BU’A qabdu.
 Diliin: wantoota adda addaatiin haqamuu fi dhiifama godhamuu ni danda’a.
Isaan keessaa: tawbaa dhugaa, araara kadhachuu, wantoota gaggaarii
hojjachuu, balaa adda addaatin tuqamuu, sadaqachuu, du’aa’ii nama biraatin.
Yoo wanti Rabbiin isaaf hin araaramin kan hafe jiraate qabrii keessatti, ykn
guyyaa qiyaamaa, ykn ibidda jahannam keessatti adabamee sana irraa
qulqullaaya. Yoo tawhiida irratti du’e ergasii jannata seena. Yoo kufrii ykn
shirkii ykn nifaaqa irratti du’e ibidda jahannam keessa bara baraan jiraata.
Diliiwwanii fi cubbuun ilma namaa irratti dhiibbawwan qabu: A) Onnee
irratti: gara-jabeenya, gogiinsa, xiqqeenya fi dhukkuba isii dhaalchisuun
Rabbiin irraa isa fageessu. B) Amantii irratti: wantoota olitti ibsaman isa
dhaalchisuun ibaadaa irraa hoongessuun du’aa’ii ergamaa Rabbii (SAW)(), kan
malaayikotaa fi mu’uminootaa akka hin arganne isa hoongessiti. C) Rizqii
irratti: rizqiin akka hin argamne, ni’imaan akka irraa adeemu fi mallaqni
barakaa akka dhabu godhu. D) Nama isaan raawwate irratti: umrii isaa
barakaadhabsiisu; jireenya isaa ni dhiphisu; wanta hunda jabeenya itti taasisu.
E) Dalagaa irratti: fudhatama isa dhabsiisu. F) Hawaasa irratti: ni’imaa
nageenyaa isa dhabsiisu; jireenya qaalessu; bulchitoota gara jabeeyyi fi
nyaaphaan akka hoogganaman isa taasisuu, rooba dhabamsiisuu fi kkf saaxilu.
 Yaaddowwan jiran: onnee haara baafachiisun, gammachiisuni fi akka
hin yaaddofne gochuun fedha hundaa ti. Jireenyi gaariin sanaan argama. Kun
argamuuf sababaawwan amantiin, uumamaani fi dalagaan wal qabatantu jira.
Sababaawwan kanniin mu’umina malee namni biraa walitti qabachuu hin
danda’u. Sababaawwa kanniin keessaa gariin: 1) Rabbitti amanuu; 2) Wanta
ajajaman hojjachuu fi wanta dhoorgaman irraa fagaachuu; 3) Jechaan, hojiini fi
waan gaarii hunda gochuunif uumamatti tola ooluu; 4) Hojii fi barnoota
amantii fi duniyaa kan bu’a-qabeessa ta’een qabamuu; 5) Hojii fuula duraa
dhufuu fi isa dabretti yaadda’uu dhiisanii kan yeroo irra jiranii hojjachuu;
6) Zikrii Rabbii baay’isuu; 7) Ni’imaa Rabbii, isa ifaati fi dhokataas, irraa
haasa’uu; 8) Waa’ee duniyaa keessatti nama ofii olii ilaaluu dhiisanii nama ofii
gadii ilaaluu; 9) Sababaawwan yaaddoo fidan dhabamsiisuu fi isaan gammachuu
fidan argamsiisuuf yaalii gochuu; 10) Du’aa’iwwan ergamaan Rabbii (SAW)()
yaaddoo dhabamsiisuf itti fayyadamaniin Rabbiin(SW) () kadhachuu.
 Qabxii Ijoo: Ibraahiim Alkhawaas (Rahimahullaah) akkana jedhu:
“Dawaan onnee wantoota shani. Isaanis፡ qur’aana xiyyeeffannaan qara’uu,
garaa duwwaa gochuu, halkan dhaabbachuu, obboroo ka’anii gara Rabbiitti
boohuu fi namoota gaggaarii wajjin taa’uudha.
 Fuudha: Fuuni nama miira saalaa (shahwaa) qabu kan sagaagalummaa
hin sodaanne irratti sunnaa ta’a. Nama shahwaa hin qabneef ammoo
hayyamamaadha. Nama sagaagalummaa (zinaa) ufirratti sodaatu irratti
ammoo dirqama ta’a. Hajjii waajibaa irra dursa qaba. Dubartii ormaa
xiyyeeffannaan ilaalun dhorgamaadha. Miira saalaatiin yoo ta’e isii
manguddoos ta’e isii xiqqoo laalunis ta’ee isii waliin kophaa ba’uun
dhorgamaadha. Waan kun madda qoratamuu ta’uu danda’uuf. Ilma dhiiraa kan
areeda hin baasinis miiraan ilaaluun haraama.
 Ulaagaalee Wal fuudhinsaa፡ 1) Warreen wal fuudhan lamaan ifatti
beekamuu: fkn gaafatamaan isii heerumtuu kan durba tokkoo ol qabu tokko
“ijoollee tiyya keessaa takka sitti heerumsiiseera” yoo jedhe hin ta’u. 2) Jaalala
dhirsa ga’eessaa fi sammuun fayyaa qabuu argachuu fi jaalala niitii bilisa
taatee fi sammuun fayyaa qabduu argachuu; 3) Waliyyiin jiraachuu: durbi uf
heerumsiisuu hin dandeessu. Itti gaafatamaa (waliyyii) isii qofatu isii
heerumsiisuu danda’a. Garuu yoo waliyyiin isii nama isiif madaalutti isii
heerumsiisuu dide malee. Dubartii tokko heerumsiisuu keessatti namni irra
mirga qabu abbaadha. Abbaa irra yoo ol dabre abbaa abbaa (akaakayyuu) isii
ti. Ergasii ilma isii ti. Yoo sanarra gadi bu’e ammoo ilma ilma isii ti. Itti aanee
obboleessa haadha fi abbaa ti. Ergasii obboleessa abbaan tokkoo ti. Achi booda
ilma obboleessaa,… bifuma kanaan itti fufa. 4) Ragaa: ragaan dhiira
amanamoo, ga’eeyyii fi sammuun fayyaa lama jiraachuu qaba. 5) Warreen wal
fuudhan lamaan waan wal fuudha isaanii dhorgan kan akka waliin hodhuu,
firummaa fi walitti hidhama fuudhaa irraa qulqulluu ta’uudha.
 Wantoonni wal fuudha dhorgan bifa lama: Inni Jalqabaa: Kan yeroo
hundaa: Isaanis sadihitti qoodamu: 1) Firummaa foonii: Isaanis haadha, ol yoo
baates akkawoo, ergasii intalaa fi intala ilmaa yoo gadi buutes, obboleettiin
walumaa galatti, intala obboleettiitii fi intala ilmaa fi intala isii, intala
obboleessaa walumaa galatti, intaloota ilmaanii fi intaloota obboleessaa yoo gadis
bu’an, obboleettii abbaati obboleettii haadhaa yoo achi fagaatanis. 2)Firummaa
hoosisaatin: dhorgaan isaa wal fuudha keessatti akkuma kan fira fooniiti.
3)Firummaa Soddummaa: Isaan kun haadha niitii, akkayoowwan isii, niitota
namoota firummaan jarreen lamaanitti hidhamanii, intala niitii yoo gadi buutes.
Inni Lammaffaa: kan yeroo gabaabaa: kun bifa lama qaba: 1) Isa sababaa
walitti qabuutiin uumamu: akka obboleetti fi obboleetti ykn intalaa fi adaadaa
(obboleettii abbaa ykn haadhaa) walitti fuudhu; 2) Isa sababaa adeemuu
danda’uun dhoorgamu.kan akka haadha manaa nama kan biro.
 Qabxii Ijoo: Abbaa fi haati ilma isaanii intala inni fedhii irraa hin qabne
akka fuudhu dirqisiisuu hin qabanu. Ilmis kanarratti isaanif ajajamuun
dirqamaa miti. Akka nama ajaja isaanii didettis hin lakkaa’amu.
 Hiikkaa: Dubartii dhiiga xurii fi dahaa irra odoo jirtu ykn qulqullina
qunnamtii saalaa keessatti godhan keessa hiikuun dhoorgamaadha; yoo hiikes
fudhatama hin qabu. Sababaa malee niitii hiikuun jibbamaadha. Sababaan
ga’aan yoo jiraate garuu hayyamamaadha. Yoo waliin jiraachun rakkisaa ta’e
garuu hiikuun sunnaa ta’a. Hiikkaa keessatti ajaja abbaa fi haadhaa
fudhachuun dirqama hin ta’u. Namni niitii isaa hiikuu fedhe, hiikkaa tokkoo ol
hiikuun dhorgamaadha. Hiikuu kan qabus qulqullina isa keessa qunnamtii
saalaa hin raawwatin keessatti ta’uu qaba. Tokkoon erga hiikee booda hanga
iddaa isii fixattutti hiikkaa biraa itti dabaluu hin qabu. Niitiin hiikkaa deebi’uu
baasuutu isarra jira. Yoo raawwate garuu cubbmaa ta’as; kaffaaraani isarra hin
jiraatu. 6) Wareega ibaadaa: Fakkeenyaf gara Rabbiitti dhiyaachuuf jecha ‘ani
akkanatti sagaduu irratti Rabbiif wareega galcha’ akka jechuuti. Yoo ulaagaa
wahiitin, fakkeenyaf akka fayyuu dhukkubsataatiin wal qabsiise, yoo ulaagaan
guutame wareegicha guutun dirqama ta’a. Yoo homaanuu wal hin qabsiisin
ammoo walumaa galatti guutuu qaba.
Hoosisa፡ wanta firuummaan haraama godhu mara hoosisnis haraama
godha. Kunis ulaagaaleen sadi yoo guutamani. 1) Aannan harmaa daya irraa
qofa kan argame ta’uu; 2) Hoosfni daa’imaa waggoota lamaan jalqaba dahaa
keessa ta’uu; 3) Hoosisni kun yeroo shan ykn sanaa ol ta’uun
mirkanaayuudha. Hoosisa kan jedhamu daa’imni harma qabatee hanga ofiin
dhiisutti turuudha malee quufuu jechuu miti. Hoosisa keessatti sooruunii fi
dhaaluun dirqama akka ta’an ragaan hin mirkanoofne.
Dhaammannaa፡ namni idaan ragaa hin qabne irra jiru tokko erga du’e
booda akka irraa kafalamu hiriyyaa isaa tokkotti dhaamuu dirqama qaba.
Nama qabeenya guddaa dhiisee du’eef garuudhaammannaan sunnaadha.
Qabeenya isaa irraa harka shan keessaa tokko hiyyeessa isatti dhihoo kan isa
hin dhaalleef yoo dhaame jaallatamaadha. Yoo hin ta’in hiyyeessaaf, aalimaaf,
nama gaariif (saalihaaf) dhaamuu ni danda’a. Hiyyeessi nama isa dhaalu
qabuuf dhaammannaan jibbamaadha. Garuu yoo namoonni isa dhaalan
dureeyyii ta’an hayyamamaadha. Nama ormaa isa hin dhaalleef harka sadii
keessaa tokkoo ol dhaamuun dhorgamaadha. Nama isa dhaaluuf garuu odoo
waan xinnoollee ta’ee, dhaamuun hin danda’amu. Garuu erga namni dhaalamu
du’ee booda namoonni isa dhaalan walii galanii hayyamuu ni danda’u. Namni
dhaammannaa godhe tokko ‘dhaammannaa kiyya deebfadhe, ykn diige, ykn
jijjiire, kkf’ jechuu isaatiindhaammannaan isaa ni diigamti. Seensa
dhaammannaa isaa irratti isa kanatti aanu katabuun jaallatamaadha:
(“Bismillaahir Rahmaanir Rahiim. Kun waan ebalu dhaammate. Inni Rabbii
tokkicha shariika hin qabne malee gooftan biraa akka hin jirre, Muhammadis
gabrichaa fi ergamaa Isaa akka ta’an, jannanni dhugaa akka ta’e, ibiddi dhugaa
akka ta’e, qiyaaman dhuftuu akka taate shakkiin isii keessa akka hin jirre,
Rabbiinis nama qabrii keessa jiru hunda akka kaasu ragaa ba’a. Maatii kiyya
irraa namoonni ani duubatti dhiise yoo mu’uminoota ta’an Rabbiin akka
sodaatan, gidduu isaanittis nagaa akka uuman, Rabbii( SW) fi ergamaa SAW Isaatifis akka
ajajaman dhaama. Waan Ibraahimii fi Ya’aquub ilmaan isaanitiif dhaaman
dhaamaf: “yaa ilmaan kiyya! Rabbiin amantii isiniif filatee jira; kanaafuu
muslima taatan malee hin du’inaa”.
 Nabiyyii(SAW) () irratti salawaata yeroo buusan, nagaa fi rahmata walitti
qabuuni fi tokkicha qofa irratti gabaabbachuudhabuun jaallatamaadha.
Namoota nabiyyoota hin ta’in irratti kophaa isaanii salawaata buusun
jibbamaadha. Fakkeenyaf Abuu Bakriif ‘Sallallaahu Aleeyhi Wassallam’ ykn
‘Aleeyhis Salaam’ hin jedhamu. Nabiyyoota biraatti aansanii walitti qabatti
“Allaahumma salli alaa Muhammadin wa’alaa aali Muhammadin
dhorgamaadha. Waan kun madda qoratamuu ta’uu danda’uuf.

Design a site like this with WordPress.com
Get started